2 Kings 17:24 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyuuni Ashuru worra dira Babilonitifi Kuthatifi Avatifi Hamathifiti Sefarvaimu fuud'e, dira Samaria keesati qubsise, fulla qara worri Israeli ka boojiani jiru. Worri dira suni ch'ufa fud'ate keesa tae.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiin Asoorii namoota biyya Baabilooniitii Kuta'aa, Awa'aa, Hamaatii fi Seefarwaayimiitii fidee bikka ijoollee Israa'elii qachoota Samaariya'aa keessatti isaan quphachiise; isaanillee biyya Samaariya'aa dhaalanii isii keessa taa'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Asoorii qachaa Baabilonii, qachaa Kutaa, qachaa Awaa, qachaa Haamaatii fi qachaa Sefarwaayim keessaa kolbaa fidee, addee kolbaa Israa'elii buusiisaaf, qachoota Samaariya'aa keessa qubachiise. Isaan Samaariyaa fudhatanee qachoota isi'ii keessa le'ane.