2 Kings 17:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo ganna toko Hosheani qonqo gara hayyu Misiri, ka So jed'ani, erge, qarqaarsa kad'ate, damoosa duri gannati Ashuru baasu kaani baasu dide. Shalmanesani waan suni d'agaye jennaani Hoshea qabe, mana hid'aansa keesa buuse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiin Asoorii Hoosee irratti waan hamaa arge; inni dhaamsa gara Seegoorii mootii Misirii waan ergee tureef akkuma armaan dura gabbaru mootii Asooriitiif waan gibira hin kennineef mootiin Asoorii isa qabee mana hidha'aatitti isa hiisise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hose'a mootii Gibxi'ii ka «Soo» jedhamutti, namoota waan ergatee fi akkuma durii wogguma wogga'aan, mootii Asooriitiif gibira waan hin gabbariniif, mootiin Asoorii akka Hose'a isa didate hubate. Tanaaf Shalmaaneser isa qabee mana hidha'aatitti galche.