2 Kings 18:14 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Hezekiani qonqo gara Senakeribu, ka Lakishi jiru, erge waan jed'eeni, Anini ya woyake, na inhad'ini, naraa deebii, duuba waan atini feetu ch'ufa sii baasa. Hayyuuni Ashuru qonqo gara Hezekia deebise waan jed'eeni, Qarsi kilo kud'anitifi worqi kilo kuma toko naa baasi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootiin Yihuuda'aa Hisqiyaas, «Ani si yakkeera, waan ati naan jettu maraa hin fudhadha» jedhee ergaa gara mootii Asoorii erge; mootiin Asoorii mootii Yihuuda'aa Hisqiyaasiin, «Wonti ani barbaadu saqilii kuma kudhanii fi worqii saqilii kuma tokkoo akka naa ergitu» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Yihuda'aa Hisqiyaas gara mootii Asoorii ka qachaa Laakiishii keessa jirutti namoota ergee, «Ani yakkaa hujeera; waan ati na gaafattu mara ani si'iif hin kaffala, maganne'e lola ana irraa dhaabi» jedhe. Mootiin Asoorii meetii kiiloogiraamii kuma kudhanii fi worqii kiiloogiraamii kuma tokko gaafate.