2 Kings 18:17 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hayyuuni Ashuru duula muumme inqamne dira Lakishiti kaase, Yerusalemuti erge, aka Hezekia had'u abbotiini duula suni worra gugurda sadi, ka qara askarti isaa ch'ufa harkaa qabu. Worri Yerusalemuni bahe, kara worri woya mid'aasu keesa tau, ka d'aatu fulla bisaani haro keesa diratini yaaniti naanae.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kun akkanatti uduu jiru mootiin Asoorii lammeesso'oo fi loltoota jabaate guddaa laakishii kaasee gara Yerusaalemii duulchisu'uun Hisqiyaasiin irratti balaa akka buusan ajaje; loltoonni sunniin namoota baallii guddaa qabaniin masakkaman; isaan akkuma Yerusaalemiin gayaniin haroo boyii karaa gubba'aatiin yaa'u biraan karaa gara worra uffata miican fidu qabatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootiin Asoorii ajajaa ajajjoota loltootaa, ajajaa hojjatoota mana mootumma'aatii fi ajajaa loltootaa, loltoota hedduu woliin qachaa Laakiishii irraa, gara Hisqiyaasii mooticha Yerusaalem keessa jirutti erge. Isaan Yerusaalem yennaa dhufane, bowii bisaan keessa yaa'u ka baleessa gatiitti'ii, ka karaa gara diida namicha woyaa dhiquu geessu bira dhaabbatane.