2 Kings 18:21 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini mala keeti waan worri Misiri si qarqaaru seeta, ammo mali sunini nama ilaadu ule sehe, ta yo inni lafati d'aabu ch'abt'e harka woraantu fakaata. Aki hayyuuni Misiri nama isa d'abatu tolchu akasi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
mootiin Misirii na gargaara jettee yoo qabatte inni akka ulee leemmanii ta bordifatan ta cabdee harka nama madeessituuti.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Biyya Gibxi'ii ta akka shonbooqqoo caccaddee ta yennaa qabatanu harka namaa woraantee madeessituu addattaa? Mootiin Gibxi'ii nama isatti addatu maraaf akkasuma» jedhe.