2 Kings 18:22 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammo yo atini, AABBO Waaqa keenna d'aabanna nani jette nami fulla waaqa iti kad'atani sorio irati baasani balleese Hezekianiti? Ka ammalle garagale worra Yerusalemutifi ka Yudatini, Fulla sorio irati baasani ta Yerusalemu ch'allaati Waaqa kad'ad'a jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isin Rabbii Waaqa keennatti abdanna yoo naan jettan Hisqiyaas Yihuuda'aa fi Yerusaalemiin hulee ciinca'aa ka Yerusaalemiin afoo jiruutitti sagadaa jedhee hulee sagadaa ka tulloota irraatii fi hulee ciinca'aa maraa ka diissise kanaamii?
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Itti dabalee, «Isin, ‹Nuuti Mootii Waan Maraa Waaqa keennatti addanna› anaan yoo jettane, Hisqiyaas, worra Yihuda'aatii fi Yerusaalemiitiin, ‹Yerusaalem keessatti addee ciinca'aa tana duratti waaqonfatiisa qaddan› yennaa jedhee, addee waaqonfanna'aatii fi addeen ciinca'aa ta inni balleesse, ta Mootii Waan Maraatii motii ree?