2 Kings 18:32 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
haga anini lafa, lafa teesani fakaatu, ta mid'aanifi daad'i qabdu, ta qit'afi zabibu qabdu, ta d'ad'afi damma qabdu keesati isani qubsisuti. Yo waan inni fed'u tolchitani, isani indootani, injiratani. Dubbi Hezekia, ta inni, AABBO Waaqati nu baasa jed'e isani sobe suni ind'ugeefatina.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
wonti kun maruu ka ta'uuf mootichi gara biyya teessan fakkaattuu isin fidee haga achitti isin quphachiisuuf; biyya san keessa hulee dhaabni woyini'ii itti argamuu fi lafa qonnaa ka midhaan irraa argamutu jira; lafti sunillee daraaraa ejersaa, dhadhaa ejersaatii fi ka dammi keessa guute; waan mootichi isin ajaje yoo gootan lubbu'uun jiraattan malee hin duutan; kanaafuu Hisqiyaas Rabbi isin hambisa jedha'aa akka isin hin gowwoomsine.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tun haga ani dhufee lafa ta akka lafa teessanii fakkaattu, lafa midhaaniitii fi daadhii woyni'ii, lafa daabbo'ootii fi lafa muka woyni'ii, lafa zayitii ejersaatii fi lafa dammaatitti isin geessutti teeti. Maarre isin du'a adoo hin te'in jiruu filadha'a; Hisqiyaas: Mootiin Waan Maraa nu hin baasa jedhiisaan yennaa isin dokonkorsu isa hin caqasina'a.