2 Kings 18:37 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Eliakimufi Shebnafi Yoani lalefatani, woya ufi tatarsaasani, deemani waan namichi Ashuru kaani jed'e hayyu Hezekiati himani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa ilmi Keliqiyaasii Eeliyaaqeem, barreessaan seena'aa Saaminaas, barreessaan seena'aa ilmi Asaafii Yoo'aas uffata ufii tarsaasanii gara Hisqiyaasii dhaqanii waan Rafaasqiis isaaniin jedhe itti himan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba itti gaafatamaan mana mootumma'aa ilmi Hilqiiya'aa Eliyaaqim, barreessaan mana mootumma'aa Shebnaanii fi itti gaafatamaan galmee mana mootumma'aa ilmi Asaafii Yo'aan gaddanee woyaa ifii tarsaasane; gara Hisqiyaasii mootichaa dhaqanee, waan ajajaan loltoota Asoorii dubbate isatti himane.