2 Kings 18:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni fulla Waaqa d'ara iti kad'atani ta gaareeni balleese, d'akhaye old'ad'aabani ch'ach'abse, akheekha waaqa Asherale ch'ach'abse. Inni ammalle bofa Musani sibiila diimani mid'aase, ka Nehushtani jed'ani, ch'ach'abse. Worri Israeli duri bofa suni hit'aana aarsefi guddise, haga guyya ch'ach'absani suni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hulee sagadaa ka tulloota irra jiru hin balleesse; soodduu itti waaqeffatanillee hin caccabse; muka jalatti waaqeffatan hin cire; bofa Muuseen naasii irraa hojjate ka maqaan isaa Na'ushtaa jedhamu ijoolleen Israa'elii haga bara sanii hixaana aarsa'aafii waan turaniif hin caccabse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni addee waaqonfanna'aa diigee, soodduu woyyittii caccassee, fakkii waaqa dharaa ta «Asheeraa» jedhantuu muree jisse; Israa'elooti haga bara saniititti fakkii bofaa ta Muuseen sageettuu irraa huje saniif hixaana waan aarsaneef, Hisqiyaas fakkii bofaa ta «Nehushtaan» jedhantu sanille caccasse.