2 Kings 19:23 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Atini qonqo namaani ergite d'aadde waan nani jette, Anini gaari kiyyaani fit'e gaareeni Lebanoni ch'ufa kore dabsad'e. Ammalle anini yayu hind'eesa d'ed'eerafi mukeeni jajabdu ch'ufa ch'irad'e badda keesa lit'e fulla ch'ufa gahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ati baay'inna gaarii fardaa kiyyaan gara gaara dheera'aa ka Libaanosiin jalaa irra bayeera; birbirsoota dhedheeraa'a, hindheessa filatamellee ciree gara daangaa biyyaatii fi gara bosona Qarmeloosii gala.› jetteerta.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ati karaa ergantoota teetiitiin, Mootii Waan Maraa irratti murgitee, ‹Ani garreettaa kiyya ka fardaan harkifamu heddu'uun gara qaccee gaarotaatitti, qaccee gaarota Libaanoniititti ol bayeera; qaccee gaarota sanii irraa hindheensa dhedheera'aa fi birbirsa dadansaa jijjisseera; gongomaa keessa fagaadhee ciggaa seeneera.