2 Kings 2:10 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eliyaani waan jed'eeni, Atini waan jabdu kad'atte, ammo yo aka si biraa na fuud'ani agarte, inargata; yo na inargini, inargatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Eliyaasillee, «Waan jabaa na gaafatte; garuu hennaa ani si biraa ol fudhatamu yoo na argite sii ta'a; yoo na hin argine sii hin ta'u» jedhee deebiseef.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Eliyaas deebisee, «Ati waan jadduu gaafatte; te'uu malee yennaa ani si duraa fudhatamu yoo na dhaggite, waan gaafatte kana hin dhaggatta; yoo na dhagguu dhadde ammoo hin dhaggattu» jedheen.