2 Kings 2:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Woya Eliya sunini bisaani d'ae waan jed'e, AABBO Waaqi Eliya me? Jennaani maro lameeso bisaani suni d'ae, bisaani gargari ch'itani jennaani inni kae gama kaaniti taake.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kaabbaa Eeliyaasiin irraa bu'een laga Yoordaanosii dhayee «Rabbi Waaqa Eeliyaasii eessa jirta? jedhe; achiin maayessa hennaa deebi'ee bisaan dhaye bisaan gara mirgaatii fi gara bita'aatitti addaan qoodamee inni laga gama ceeye.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni woyaa Eliyaas irraa buute fuudhee ittiin bisaan dhowee, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Eliyaasii meet?» jedhe. Yennaa inni bisaan dhowe, bisaan gargar citee, Elsaa'ille gamatti bu'e.