2 Kings 2:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Nami gari, ka dira Yeriko, gara Elisha d'aqe waan jed'eeni, Aabbo akuma atini gartu, diri kunini fulla dansaa jira, ammo bisaani isaa hamo, nad'eenile garaacha iraa baasani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Namoonni qachattii Iyyaariko'oo keessa jiraatan gara Eelsaa'ii dhufanii, «Gooftaa keenna akkuma beettu jireenni qachaa tana keessaa misha'a; bisaan garuu bada'a; lafti sanyii hin kennitu» jedhaniin.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Namooti gariin Yeriko'oo gara Elsaa'i dhufanee, «Ee goottaa keennaa akkuma ati dhaggitu, latti tun dansa'a; ammoo bisaan bada'a; lattille midhaan hin kennitu» jedhane.