2 Kings 2:4 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Eliyaani waan Elishani jed'e, Abbo, atini asuma hafi, AABBO Waaqi ya Yerikoti na erge. Ammo Elishani waan jed'eeni, Anini maqa kanketifi ka AABBO Waaqatini kakhad'a, aka si jala inhamne. Tanaafi worri kae Yerikoti woliini iti d'aabate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Eeliyaas Eelsaa'iin, «Rabbi gara Iyyaariko'oo na ergeeraa yabo'oo ati asuma turi» jedheen; innillee, «Maqaa Rabbii jiraata'aatiin kakadhee si biraa hin fooyamu!» jedheen; Kanaaf isaan lachuu gara Iyyaariko'oo dhaqan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Eliyaas Elsaa'iin, «Mootiin Waan Maraa gara Yeriko'oo waan na ergeef, ati asuma turi» jedhe. Elsaa'ille deebisee «Dhugaa Mootii Waan Maraa ka jiraataa te'ee, lubbuu teetiin kakadha! Ani si biraa hin hafu!» jedhe. Maarre isaan gara Yeriko'oo dhaqane.