2 Kings 2:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Eliyaani woya ufi ufira fuud'e, wolti dachaase bisaanini d'ae. Bisaani kaani gargari bahani, isaafi Elishani lafa goddu ira gama kaaniti taakani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Eeliyaas kaabbaa uffateeru mulqatee maree bisaan dhaye; bisaan addaan qoodamee isaan lachuu lafa gogaa keessa ceeyan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Eliyaas geellaa ifii fuudhee, dachaasee ittiin bisaan dhowe; bisaan sun gargar citee, lafa godduu irra ideemanee gamatti bu'ane.