2 Kings 21:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ganni Amoni diddami lama gaafa inni hayyu Yuda tahe, ammalle inni ganna lama Yerusalemu keesa lafa Yuda mohate. Haati isaa Meshulemethi, ta dubra Haruzi, ta worra dira Yotba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Amoon hennaa Yihuudaa irratti moowu nama umurii diddamii lamaati; inni teessoo ufii Yerusaalemiin keessa godhatee woggaa lamaa bulche; haati isaa ta Meesaalaa jedhamtee waamamtu dhalattuun biyya Yooxiba'aa mucattii Haruusii turte.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Amooni yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii lamaa ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee woggaa lama bulche. Maqaan haadha isaa Meshulemeeti; isiin intala Haaruzii nama qachaa Yoxbaa ti.