2 Kings 21:3 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fulla waaqa d'ara iti kad'atani ta gaara ira, ta qara abbaani isaa Hezekiani ch'ach'abse, jaare ammalle fulla Baali iti kad'atani sorio baasanifi mid'aase, fakeenna waaqa Ashera jed'anile boch'e, akuma hayyuuni Israeli ka Ahabu jed'ani kaani tolche. Ammalle inni urjile ch'ufa gajed'e kad'ate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni hulee sagadaa ka tulloota irraa ka abbaan isaa Hisqiyaas diige deebisee ijaare; akkuma mootiin Israa'elii Aki'aabi godhe waaqa tolfamaa ba'aaliif hulee ciinca'aa hojjate; muka jalatti waaqeffatanillee hin dhaabe; waaqolee sami'ii maraafuu sagada'aa waaqeffate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni addee waaqonfanna'aa, ta abbaan isaa Hisqiyaas diige deebisee ijaare; akkuma mootiin Israa'elii Ahaab godhe, innille Ba'aaliif addee ciinca'aa ijaaree, fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu huje. Inni urjoota ol-gubba'aatiif sagadee, isaanille waaqonfate.