2 Kings 21:6 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni ilma isaa sorio gubani baase ammalle nama wohime, murma baafate, worra ayyaanatifi falfaltu d'ugeefate gula deeme. Inni ch'ubbu guddo hamtu tolche akasiini AABBO Waaqa dallansiise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Ilma ufii ciincaa godhee dhiyeesse; inni ka moruu fi ka asmaa hojjatu ta'ee mortootaa fi worra hafuura worra du'anii waamu irraa gorsa fudhata'aa ture; sababaa waan kanniin godheef, cubbuu guddaa waan hojjateef Rabbiin dallansiise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni ilma ifiituu ciincaa dhikeessee, worra moru, worra xanoo xanu, worra ekeraa dubbisiisuu fi worra moora ilaalu irraa gorsa gaafatee, Mootii Waan Maraa duratti waan akka malee hantu'uu hujee akka Mootiin Waan Maraa aaru godhe.