2 Kings 21:7 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni akheekha waaqa Ashera jed'ani mid'aase fuud'e Mana AABBO Waaqa ke kaye, Mana Waaqi duri Daudifi ilma isaa Solomonini; Yerusalemu keesa mana kana keesati fulla anini lafa gosa Israeli kud'ani lamaani taani keesaa fohad'e iti na kad'ad'a jed'e.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Rabbi Daawitii fi ilma isaa Solomooniin Yerusaalemii gosa Israa'elii maraa keessaa filadhe; mana kana keessatti maqaan kiyya baraa haga bara baraa waamama;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni fakkii waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu ka huje san Galma Mootii Waan Maraa, ka Mootiin Waan Maraa Daawitii fi ilma isaa Solomooniin, «Ani Galma kana keessatti, Yerusaalem addee gosa Israa'elii mara keessaa filadhe keessa, maqaan kiyya haga bara baraa hin jiraata. Kolbaan Israa'elii ajaja kiyyaa fi Seera tajaajilaan kiyya Muuseen isaaniif kenne mara yoo eegatte, lafa ani abbootii isaanii ta duriitiif kenne keessaa bayanee akka isaan joonjanu deebi'ee hin godhu» jedhe san keessa keye.