2 Kings 22:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani Hilkia, Ahikamu, Akbori, Shafani ammalle Asayani yaani niiti Hulda jed'ani ta raaga ta dira yerusalemu moga hareetiti galtu d'aqani wogaafatani. (D'iirsi isii shalumuni ka ilma Tikra, ka akhaakhu Harhasi, inni nama woya Mana Waaqa qorqoratu.) Worri waan tahe kana ch'ufa iti hime,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Keliqiyaas gadichi, Akiqaam, Akaaboor, Saafaanii fi Asaayaan gara namicha uffata eeguu gara ilma Hasara'aa gara Teeqowa'aa fi gara haadha manaa Seeleemii gara Hildaanaa raattitti'ii deeman; isiinillee Yerusaalemiin kutaa lammeesso'oo keessa teettee uduu jirtu isii woliin dubbatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Hayyichi Hilqiiyaan, Ahiiqaam, Akbor, Shaafaanii fi Asaayaan gara Huldaa raagitti'ii gaafatiisa dhaqane; isiin haadha manaa Shaalumii ilma Tiiqiwa'aa akaakoo Harhaasii ka uffana eeguu ti; isiin kutaa qachaa Yerusaalemii haareya keessa leeti.