2 Kings 22:19 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
aka anini Yerusalemufi nama isi ch'ufa, imballeesa jed'e sodaachise d'ageete, ch'ubbu iraa deebite, na durati ufi diqeesite, woya tante tatarsaafte boote. Anini dira suni waan nama rifachiisa tolcha, aka nami maqa isaatini nama abaaru. Ammo anini kad'acha tante yayu d'agaye.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Keessi kee tuqamee uf salphiftee uffata kee tarsaaftee waan na kadhatteef kadhaa kee dhagayeera;
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
biyyi tunii fi kolbaan biyya tanaa akka badduu fi akka abaarantu ta ani dubbadhe yennaa dhageette, gadhaan keeti tuqamee Mootii Waan Maraa duratti ifi gad qaddee, gadditee woyaa teeti tarsaattee, na duratti waan bootteef, anille si'iif dhage'eera.