2 Kings 23:12 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Fulla waaqa d'araati sorio irati baasani, ta gubbaa mana Ahazi, ta hayyooti Yuda mid'aasiteefi ammalle fulla waaqa d'araati sorio irati baasani ta Manaseeni ballinna Mana Waaqa gama lachutu jaare ch'ufa, gadi hirkise ch'ach'abse bulleese, bulla haftele bale Kidroni keesati jisse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Hulee ciinca'aa maraa ka mootonni Yihuuda'aa mana manaan gubba'aa ka Akaazii irratti hojjachiisa, mana woyyuu ka Minaaseen hujjachiisellee diissisee butuchee daaraa san dhooqa Qeedirooniititti gate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Addee ciinca'aa ta moototi Yihuda'aa kolloo mana irraa ta mooticha Ahaazii irratti ijaaranee fi addee ciinca'aa ta mootichi Minaaseen badhinna Galma Mootii Waan Maraa san lamaanuu keessatti ijaare, mootichi Yosiyaas diige; inni addee ciinca'aa san butuchee, bututaa san dhooqa Qedrooniititti gate.