2 Kings 23:13 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyu Yosiani fulla sorio irati baasani, ta hayyu Solomonini gaara ejersaatini bitaa Yerusalemu ilaboruti jaare aka waaqa d'ara ka Ashtorethifi waaqa Sidonitifi Kemoshi waaqa Moabutifi Milkomu waaqa Amoni iti kad'attani t'ureese balleese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Akkasuma Yerusaalemiin irraa gara baya biiftu'uutitti, gaara battumma'aa irraa gara kibbaatitti waaqa Siidoona'aa ta astaaroot jedhamtu, waaqa tolfamaa Moo'aabii ka kaamoosh jedhamuu fi waaqa tolfamaa Amoonii ka mooleek jedhamu, fakiiwwan jibbisiisaa mootichi Israa'elii Solomoon hojjachiisee ture maraa akka battii ta'an hubachiise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Yosiyaas addee waaqonfanna'aa ta mootiin Israa'elii Solomoon, qachaa Yerusaalemii irraa gara aduun baatutti, kooba badi'ii irraa gara kibbaatitti, waaqa dharaa Sidoonii ta, «Ashitaaroti» jedhantuuf, waaqa dharaa Mo'aabii ka, «Kemoshi» jedhamuu fi waaqa dharaa Amoonotaa ka, «Moleek» jedhamuuf ijaarelle batteesse.