2 Kings 23:16 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Eege Yosiani ufi d'aatu laale, awaala kubi gubaati arge. Jennaani nama yaame, lafe keesaa guura jed'eeni, lafele suni fulla sorio irati baasani gubbati gube. Akanaani fulla suni yake t'ureese. Duuba inni fulla suni t'ureese, akasiini dubbi raagi duri, gaafa jila, ka hayyu Yeroboamuni fulla suni d'aatu eju jed'e taani guute.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Iyyoosiyaas uf duuba gara galee awwaala gaara irra jiru arge; Iyyoorbi'aam hennaa ayyaanaa ladda hulee ciinca'aa hennaa dhaabatu ka waan kanniin ijaare akkuma garbichi Rabbii dubbate akkuma dubbii Rabbii namoota ergee lafee awwaallan keessaa baasisiisee hulee ciinca'aa irratti gubee battii ta'uu akka hubatan godhe; gara nama itti dubbatamee gara awwaala garbicha Rabbii gara galee laalee,
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Akkuma Mootiin Waan Maraa karaa nama Waaqaatiin dursee dubbatetti, Yosiyaas garagalee yennaa ilaale, addee awwaalaa koobota irra jirtu dhaggee namoota ergee, lafee addee awwaalaa san keessa jirtu baasisiisee, addee ciinca'aa irratti gubee, addee ciinca'aa san batteesse.