2 Kings 23:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hayyuuni Irreesa sunini ka eenu jed'e gaafate? Worri Betheli waan jed'eeni Irreesi sunini ka raaga Yudea d'ufe, waan atini fulla sorio irati baasani tana tolchite kana fage.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
«Malkanni yaadanno'oo ka ani arga'aaru kun maali'i?» jedhee gaafate. Namoonni qachattii sanii, «Yihuuda'aa bayanii hulee ciinca'aa ka Beeteeliin irraa awwaala garbicha Rabbii ka waan ati goote kana dubbateeti.» jedhanii deebisaniif.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba inni, «Addeen awwaalaa sun ta eennuu ti?» jedhe. Kolbaan qachaa Bet'elii deebittee, «Addeen awwaalaa sun ka nama Waaqaa lafa Yihuda'aatii dhufee ti; inni waan ati amma addee ciinca'aa tana irratti goote ka dursee dubbate» jette.