2 Kings 23:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Dira Israeli ch'ufa keesa hayyu Yosiani fulla sorio iti baasani waaqa dara iti kad'atani ch'ufa, ta hayyooti Israeli jaarte akanaani AABBO Waaqa dallansiifte, ch'ach'abse. Fulla sorio iti baasani tana ch'ufa, akuma Betheliti tolche kaani, tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi Iyyoosiyaas qachattii Israa'elii kamiin keessattuu hulee itti waaqeffatan ka waaqolee ormaa Rabbiin dallansiisu'uuf sababaa ta'e maraa diige; waan Beeteelitti godhe maraa hulee ciinca'aa san irratti raawwate.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Yosiyaas akkuma Bet'elitti godhe, galma addee waaqonfanna'aa, ta moototi Israa'elii qachoota Samaariya'aa keessatti ijaaranee, akka Mootiin Waan Maraa aaru godhane mara diige.