2 Kings 23:2 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
qaaloleefi raaga, ammalle nama d'ibi dureesafi hiyyeesale ch'ufa wolti yaame, worri ch'ufti woliini gara Mana Waaqa d'aqe, duuba hayyuuni gumi ch'ufa dura eje, lalabe, kitaaba wold'aqisa ka Mana Waaqa keesati argani soomeefi.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Isaan sunniinillee gadoota, raattota, namoonni kuuwwanillee diqqaa irraa haga gugurda'aatitti gara mana woyyu'uu dhaqan; mootichi galmee dubbi'ii ka barreeffamee badee ture ka mana woyyuu keessatti argame fuudhee bani'ii dubbise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni kolbaa Yihuda'aa mara, worra qachaa Yerusaalemii keessaa mara, hayyootaa fi raagota mara, kolbaa mara diqqa'aa fi guddaa woliin gara Galma Mootii Waan Maraa ol baye. Jecha kitaaba Gondooro'oo ka Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhaggame keessa jiru mara akka isaan dhage'anu dubbise.