2 Kings 23:24 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ammalle Yosiani falfaltuufi worra ayyaanatifi ammalle akheekha waan aka Mana Waaqa keesati kad'attani ch'ufa Yudafi Yerusalemu keesa balleese, aka akanaani t'aafi kitaaba qaallicha Hilkia jed'ani, Mana Waaqa keesati arge kaani keesa jirtu guutufi tolche.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dubbiin gadichi Keliqiyaas galmee kitaabaa keessatti barreeffame dubbate akka raawwatamuuf mootiin Iyyoosiyaas worra ayyaana hamaa waamanii fi mortoota maraa, waaqolee maati'ii, waaqolee tolfamaa, meeshaa waaqolee tolfama'aatii fi meeshaa waaqoleen ormaa itti waaqeffaman maraa balleesse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Seerri Hilqiiyaan hayyichi guddaan, kitaaba Galma Mootii Waan Maraa keessatti dhagge keessatti barreeffame akka muummowuuf, Yosiyaas worra ekeraa dubbisu, waaqota maati'ii, waaqota dharaatii fi waan battii dhibii maralle, lafa Yihuda'aatii fi Yerusaalemii keessaa balleesse.