2 Kings 23:27 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani AABBO Waaqi waan jed'e, Akuma qara Israeli gusse Yudale fuula kiyya duraa gussa. Ammalle Yerusalemu dira anini fohad'eefi mana kiyya ka anini maqaani kiyya ha keesa jiraatu jed'elle imballeesa.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf Rabbi waan Israa'eliin irratti godhe akkasuma Yihuudaa irrattillee godha; banii Yihuuda'aa afoo kiyyaa balleessa; qachaa filadhe Yerusaalemii mana woyyuu ka Maqaan kiyya achitti waamama jedhe hin dhiisa» jedhe.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tanaaf Mootiin Waan Maraa, «Akkuma Israa'el fuula kiyya duraa balleesse, Yihudaalle fuula kiyya duraa hin balleessa; qachaa filadhe Yerusaalem, Galma ani, ‹Maqaan kiyya keessa hin jiraata› jedhe san hin lakkisa» jedhe.