2 Kings 23:29 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gaafa Yosiani hayyuma harkaa qabu suni, hayyuuni Neko jed'ani, ka lafa Misiri, askarti isaa fud'ate galaana Frati taake hayyu Ashuru qarqaaru d'aqe. Jennaani hayyu Yosiani askarti Misiri fuula keesa deeme Megidoti had'e, had'iisa suni keesati due.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bara mootummaa Iyyoosiyaasii mootiin Misirii Nitaa'uun mootii Asoorii gargaaru'uuf loltoota ufii qabatee gara laga Eefraaxisii dhaqe; mootichi Iyyoosiyaas Meegido'otti loltoota Misirii ittisu'uuf lolee lola san keessatti du'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Bara mootummaa Yosiyaasii, mootiin Gibxi'ii Nekoon, mootii Asoorii qarqaariisaaf gara laga Efraaxiisii ol baye. Mootiin Yihuda'aa Yosiyaas isa loliisaaf itti duule; Nekoon ammoo yennaa isa dhagge Megidotti isa ijjeese.