2 Kings 23:3 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni d'aatu utuba hayyu eje, wold'aqisa AABBO Waaqa woliini tolfate, aka Waaqa gula deeme, seerafi aadaafi waan inni fed'u ch'ufa garaafi qalbi isaatini tolchu, aka taka tana dubbi kitaaba wold'aqisa keesati t'aafani guutu. Duuba nami ch'ufti aka wold'aqisa kana jabeese guutu kakhate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Mootichi utubaa worqi'ii bira dhaabatee akka baniin Rabbiin waaqeffatan ajajaa fi ragaa isaa, seera garaa guutu'uu fi onnee guutu'uun akka eegan dubbiin waada'aa ka kitaaba keessatti barreeffame akka raawwatamu Rabbiin afo'otti waadaa gale; baniin maruu akkasuma waadaa galan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Mootii Waan Maraa hordofiisaaf ajaja isaa, seerata isaatii fi seera isaa gadhaa tokkochaan, lubbuu ifii takkatti'iin eegatiisaaf, gondooroo kitaaba kana keessatti barreenfante jabeessiisaaf, utubaa bira dhaabbatee Mootii Waan Maraa duratti gondoore. Achiin duuba kolbaan marti gondooroo sanitti wolii galane.