2 Kings 23:30 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hojattuuni isaa reefa isaa gaari keesa keete Yerusalemu geesite, awaala qara isaa qotani keesati awaalte. Duuba worri Yuda Yoahazi, ilma Yosia, fohate muude fulla abba isaa hayyu tolfate.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haga inni du'een maayessa reeffa isaa garboonni isaa gaarii fardaatitti fe'anii Maagido'oo gara Yerusaalemii fidanii achitti awwaala moototaatitti awwaalame; namoonni Yihuuda'aa ilma Iyyoosiyaasii Iyyoo'akaaziin filanii muudanii bikka abbaa isaa moosisan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Tajaajiltooti isaa reeffa isaa garreettaa fardaan harkifamuun Megidoo irraa gara Yerusaalemii geessanee addee awwaala inni ifiif qopheeffatetti awwaalane. Kolbaan Yihuda'aa ilma isaa Yeho'aaz muuddee addee isaatitti mootii goote.