2 Kings 23:31 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Ganni Yoahazi diddami sadi gaafa inni hayyu Yuda tahe ammalle inni Yerusalemu keesa jia sadi lafa mohate. Maqaani haad'a isaa Hamutali, ta dubra Yeremia, ka dira Libna.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Iyyoo'akaaz hennaa Yihuudaa irratti moowu nama umurii diddamii sadihii ture; inni teessoo ufii Yerusaalemiin keessa godhatee ji'a sadihii bulche; haati isaa ta Amixaal jedhamtee waamamtu mucattii Ermiyaasii dhalatte ta qachaa Libina'aati.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yeho'ahaaz yennaa mootii te'e nama woggaa diddamii sadii ti; inni Yerusaalem keessa tee'ee, ji'a sad bulche; maqaan haadha isaa Hamutaal; isiin intala Ermiyaasii nama qachaa Liibna'aa ti.