2 Kings 23:4 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani hayyu Yosiani qaallichu gudda Hilkia jed'anifi qaalole isa jala hojattufi ammalle nama fullo Mana Waaqa eegu erge, aka worri miha Baalifi waaqa Ashera jed'anifi urjileeni kad'atani ch'ufa Mana Waaqa keesaa alati baasani. Hayyuuni waan kana ch'ufa dira keesa baase, d'aatu laga Kidroniti gube, duuba daara isiile Betheliti geese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa mootichi ajajaa gadootaa Keliqiyaasiin, gadoota isa gargaaran, worra balbala eegan waaqa tolfamaa ba'aalii fi hulee itti waaqeffatan waan waaqolee tolfamaa sami'iitiif hojjatame maraa akka mana woyyuu Rabbii keessaa baasan ajaje mootichi meeshaa kana maraa dhooqa Yerusaalemiin ala ka Qeedirooniititti ibiddaan gubee daaraa gara Beeteelii fide.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Mootichi Yosiyaas meya Ba'aaliif, waaqa dharaa ta, «Asheeraa» jedhantuu fi urjoota ol-gubba'aa maraaf hujame mara Galma Mootii Waan Maraa keessaa akka baasanu, hayyicha guddaa Hilqiiyaa, hayyoota hayyicha gudda'atti aananuu fi eeddota karra Galma Mootii Waan Maraa ajaje. Inni meya san duudii qachaa Yerusaalemiitiin alatti diida dhooqa Qedroonii keessatti gubee, daadhaa gara qachaa Bet'elii geesse.