2 Kings 23:5 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni qaalole duri hayyuuni Yuda muude huji sorio waaqa d'araati hojattani dira Yudatifi lafa d'aatu Yerusalemule iti kenne ch'ufa huji suni keesaa yaase — qaalole ta Baalifi aduufi jiaafi urjiifi Bakalchale sorio baafte.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gadoota waaqolee tolfama'aa mootonni Yihuuda'aa qachoota Yihuuda'aatii fi naannoo Yerusaalemiititti dhiyaatan maraa hulee sagadaa ka tulloota irraatitti ciincaa akka dhiyeessaniif muudaman hujii irraa ari'e; waaqa tolfamaa ba'aal jedhamee waamamu ka ormaa aduu, ji'a, adunyaa aduun irra naannoftuu fi urjiiwwanii ciincaa dhiyeessu'uun tajaajilan maraa hujii irraa ari'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni hayyoota waaqota dharaatiif addee Waaqonfanna'aa ta qachoota Yihuda'aatii fi adaala Yerusaalemii irratti hixaana akka aarsanuuf, akkasuma Ba'aaliif, adu'uuf, ji'aaf, tuuta urjootaatii fi urjoota ol-gubba'aa maraaf hixaana akka aarsanuuf worra moototi Yihuda'aa filatane duudii ari'e.