2 Kings 23:8 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni qaalole dira Yuda keesa jirtu ch'ufa Yerusalemutini d'ufe, duuba fulla sorio Waaqa d'ara iti baasani ta lafa suni ch'ufa keesa jirtu yake t'ureese, ammalle fulla waaqa d'ara iti kad'atani ta harka bita, d'aatu fullo Yoshuani guddaani dira suni jaarellee ch'ach'abse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gadoota qachaa Yihuuda'aa keessa jiran maraa ari'ee baase; hulee sagadaa ka tulloota irraa Geeba'aa jalqabee haga Beersaabeehii maraa hin balleesse; hulee sagadaa ka karra seensa qachatti'ii ka karaa bita'aatiin jiru seensa balbala bulcha'aa ka Iyyaasu'uu diige.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Yosiyaas hayyoota mara qachoota Yihuda'aa keessaa fidee, biyya Geba'iitii haga Bersheeba'aatitti, addee waaqonfanna'aa ta hayyooti hixaana irratti aarsitu mara batteesse. Inni addee waaqonfanna'aa, ta seensuma gara karra Iyaasuu bulchaa qacha'aa biraa, ta seensuma karra qacha'aa irraa gara bita'aa jiranulle diige.