2 Kings 24:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
isaafi hori mana hayyu keesa jiru ch'ufa Babiloni geese. Akuma qara AABBO Waaqi duraani hime kaani, hayyu Nebukadrezani miha worqi ka hayyu Solomoni Mana Waaqa keesati mid'aase, ch'ufa ch'ach'abse.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Inni qabeenna mana woyyuu keessa jiruu fi ka mana mootumma'aa keessa jiru maraa wolitti qabee gara Baabiloonii fide; akkuma armaan dura dubbii Rabbi dubbateetiin meeshaa worqi'ii ka mana woyyuu keessatti mootichi Solomoon hojjachiise maraa caccabse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
akkuma Mootiin Waan Maraa dubbate, Nebukadnezaar qabeenna Galma Mootii Waan Maraatii fi qabeenna mana mootumma'aa mara fudhate; meya worqi'ii ka mootiin Israa'elii Solomoon Galma Mootii Waan Maraatiif huje mara caccassee, worqii fudhate.