2 Kings 24:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Hayyu Nebukadrezani worra Yerusalemu ch'ufa qabe. Ammalle worra woliini ilmaani hayyuutifi worra gugurda lafa suni, ka wolti nama kuma kud'ani, boojie. Inni hogeeyiifi tumtu ch'ufa boojie, hiyyeeyi ch'alla lafa suniti lakise.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Nabukadanatsoor banii Yerusaalemii ijoollee abboota murti'iitii fi namoota gugurdaa biraallee itti eda'e wolitti qabaa namoota kuma kudhanii booji'ee fudhate; isaan woliinillee ogeeyyii hujii harkaatii fi worra hujii sibiilaa hojjatan maraa fudhate; Yihuudaa keessatti namoota hiyyeeyyii womaa hin qabne callaa dhiise.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Inni hiyyeeyyota qofa biyya Yihuda'aa keessatti lakkisee, kolbaa Yerusaalemii mara, qondaaltota mara, loltoota mara, namoota hujii harkaa hujanuu fi sibiila tumanu mara wolumatti namoota kuma kudhan booji'e.