2 Kings 25:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Sedekiani hayyu Nebukadreza ka Babiloniti gargale jennaani, hayyu Nebukadrezani askarti isaa ch'ufaani d'ufe, guyya kud'anneeso ka jia kud'anneeso, ganna sagaleeso, ka Sedekiani lafa mohate keesa Yerusalemu had'u d'aqe, d'aatu isiiti qubate boola qote marseeni,
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaan maayessa Nabukadanatsoor loltoota ufii maraa fuudhee Seedeeqiyaas mooyee woggaa sagaleesso'oo ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti Yerusaalemitti duule; loltoonni qachatti'iin alatti quphatanii biyyee naannaya sanitti akka goobaa ol tuulanii hojjatan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Zedeqiiyaan mootii Baabilonii irratti ka'e; tanaaf, bara Zedeqiiyaan bulche keessa woggaa sagaleesso'oo, ji'a kudhaneesso'oo guyyaa kudhaneesso'ootitti mootiin Baabilonii Nebukadnezaar, loltoota ifii mara fudhatee Yerusaalemitti duule. Inni qacha'aan duuba dunkaanii dhaabatee, adaala qacha'aa marsanee yaabbannoo itti ijaarane.