2 Kings 25:13 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri Babiloni utuba sibiila diimani mid'aasanifi waan gaari fakaata ka Mana Waaqa keesa jiru ch'ufafi haro gingiti sibiila diimani mid'aasanile ch'ufa ch'abse, sibiila diima ch'ufa lafa Babiloniti geese.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri Baabiloonii meeshaa mana Rabbii keessa jiru, utubaa sibiila diima'aa, teessoo mana Rabbii keessa jiruu fi waabaa bisaanii ka sibiila diimaa irraa hojjatame caccabsanii sibiila caccabe gara Baabiloonii fidan.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Worri Baabilonii utuboota sageettuu irraa hujamane, waan meya irra keyanu ka korboo qabanuu fi waabaa bisaanii ka sageettuu irraa hujamane, ka Galma Mootii Waan Maraa keessa jiranu caccassanee, sageettuu san gara biyya Baabilonii geessane.