2 Kings 25:17 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Utubaani lamaani haguma taka: old'eerinni isaa d'und'uma kud'ani saddeeti, ka kamu waan aka sure ta d'und'uma sadii sibiila diimani mid'aasani mata gubba kayani. Waan aka sure suni ch'ufa looti sibiila diimani mid'aasani marsani, waan aka okhoku ka sibiila diimani mid'aasanini ch'okhaani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Dheerinni utubaa tokkochaa meetira saddeeti; ginnoon isaa sibiila diimaa irraa hojjatameera; dheerinni ginno'oo meetira tokkoo fi wodhakka'a; naannaya isaatitti waan bareedu ka bifa abaabo'oo fakkaatuun hojjatameera.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Hojjaan utubaa tokkoo ciqilee kudhanii saddeeti; hojjaan guutuu utuba'aa ciqilee sad; marsa guutuu utuba'aa irratti seesa caccoo sageettu'uutii fi sageettuu midhaan muka rumaanii fakkaatuun seefameera. Utubaan lammeesso'oolle akkasuma seefamee hujameera.