2 Kings 25:23 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Worri askarti Yudati matatifi askartini worra, ta harka inkennatini, waan kana d'ageete jennaani, Mispati goli Gedaliati daramani. Maqaani worra gugurda suni kana: Ishmaeli ilma Nethania, Yohana ilma Karea, Seraya ilma Tanhumethi, ka dira Netafa, ammalle Yezania ilma Maaka.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Worri harka hin kennanne ajajaan loltootaatii fi loltoonni mootii Baabiloonii Godoliyaasiin akka muude haga dhagayan gara Misipha'aa dhaqee isaaniin wol gaye; ajajaan loltootaa kunniinillee ilma Naataaniya'aa Ismaa'eliin ilma Qaariya'aa Yohaanaa'a ka dhalataa qachaa Naaxoofa'aa ilma Tanhume'ee Saraya'aa fi ka dhalataa Maa'ikata'aa ta'e Zaaniyaa fa'a ture.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Ajajjooti loltoota biyya Yihuda'aa ilmi Nataaniya'aa Ishimaa'el, ilmi Qaareha'aa Yohaanaan, ilmi Tanhumetii nama qachaa Netofa'aa Seraayaan, ilmi namicha Ma'akichaa Ya'azaaniyaanii fi loltooti isaanii martinuu, mootiin Baabilonii akka Gedaaliyaa bulchaa godhe yennaa dhage'ane, gara Gedaaliya'aa Miisphaa dhufane.