2 Kings 3:19 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Isani dira worraa jajaba mimid'aaga haatani balleesitani; mukeeni worraa dandansale ch'ufa ch'irtani balleesitani, madda worrale ch'ufa duuchitani, oobru worraa dadansa ch'ufa d'akha iti guurtani balleesitani.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Qachoota ijaaramte ta isaanii ta filatamte bareedduu dallawa qabdu mooyattanii qabattan; mukkiin isaanii ka daraaraa qabu maraa hin murtan; burqaawwan isaanii hin duuchitan; maasaa isaanii ka qonnaa ka lalise balleessitanii dhagaa itti tuultan.»
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Isin qachaa isaanii ka dalleenni dhaka'aa itti ijaaramee fi qachaa isaanii dadansaa hin qabattan; muka isaanii dadansaa mara hin murtan; madda isaanii mara hin duuchitan; fichaa isaanii dadansaa mara dhaka'aan hin balleessitan» jedhe.