2 Kings 3:27 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Jennaani ilma isaa ka angafa ka isa gula sila hayyu tahu, fuud'e dallaa d'akhaa ka dira sunini jaarani gubbati qale, waaqa Moabuti sorio baase. Worri Israeli aka taka inargini sodaate, dudda duubati deebie, kae lafa ufiti ufira gale.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf ilma isaa ka hangafaa ka bikka isaa mootii ta'u fuudhee kaloo irratti ciinca'aaf dhiyeesse; waan kana irratti worri Israa'elii guddisanii waan aaraniif qachattii san dhiisanii gara biyya ufii deebi'an.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba mootichi Mo'aabii ilma ifii angaficha, ka addee isaatitti mootii te'uuf male, dalleya dhaka'aa ka qacha'aa irratti ciincaa dhikeesse; Israa'elooti tana rifatanee, isa lakkisanee gara lafa ifii deebi'ane.