2 Kings 4:1 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Niitiini hiyyeetini toko, ta d'iirsi isi qara gumi raagoota keesa jiru, gara Elisha d'at'e waan jetteeni, Aabbo, d'iirsi kiyya ya due! Atini imbeeta, inni nama AABBO Waaqa sodaatu, ammo amma nami inni duri gati isa qabu d'ufe, ilmaani tiyya lamaani fud'ate tisse tolfachu fed'a, aka akanaani gati duri d'iirsi kiyya iraa fuud'e deefatu.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Haati hiyyeessaa ta abbaan worraa isi'ii gumii raattotaa keessaa jalaa du'e gara Eelsaa'ii dhuftee, «Gooftaa kiyya! abbaan worraa kiyya na jalaa du'e! Inni akkuma ati beettu nama Rabbiin sodaatu ture; namichi horii itti liqeesse tokko dhufee bikka liqaa sanii ijoollee tiyya lamaan dhiiraa fudhatee garboota godhatee isaan fudhatuu barbaada» jetteen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Haati hiyyeessaa ta abbaan manaa isi'ii miseensa raagotaa te'e takka, gara Elsaa'ii dhuttee, «Tajaajilaan keeti, abbaan manaa kiyya du'eera; inni akka Mootii Waan Maraa sodaatu atinuu hin beetta; amma ammoo nami liqaa isa irraa qabu tokko, ilmaan tiyya lamaan fudhatee garbonfatiisaaf dhufeera» jettee itti himatte.