2 Kings 4:39 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Gumi raaga suni keesa nami toko aka urgo guuru oobru d'aqe, jennaani buqe ufumaani baatu arge, mid'aani waan suni heddu guure galeeni ka waan isi imbeenne ch'ach'abse okote sagale taaniti naqe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Raattota keessaa namni tokko baala fidu'uuf gara raasa'aa bayee gaalee lafa gammoojji'ii argee fuudhee buqqee lafa gammoojji'ii haga ufii baadhatuu danda'utti muree qabatee dhufeenii waan qabatee dhufe san uduu maalummaa isaa hin beenne mummuree keree waa itti affeelan keessa buuse.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Raagota san keessaa tokkochi baala nyaatanu guuratiisaaf diidatti bayee, waan buqqii fardaa fakkaatu dhaggee, midhaan isi'ii woyaa ifiititti guuree yennaa deebi'e, hoocee okkotee itto'oo sanitti naqe. Midhaan maanii akka teete ammoo eennulle hin beenne.