2 Kings 4:42 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Guyya toko namichi toko Baal-Shalisha d'ufe, qit'a diddama ka mid'aani garbu ka qara murani iraa mid'aasanifi mid'aani ashedale Elisha d'ufeeni. Elishani waan hojattu isatini jed'e, sagale tana gumi raagoota tanaa kenni.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Gaaf tokko hulee Ba'aalshaalishaa jedhamee waamamuu namni tokko hennaa haama'aa midhaan garbu'uu ka duraan dhayame keessaa xoroshoo garbu'uu diddamaatii fi asheeta garbu'uu qabatee gara nama Rabbii Eelsaa'iin bira dhaqe; Eelsaa'illee tajaajilaa ufiitiin, «Gumii raattotaatii akka nyaatan kenniif» jedhee ajaje.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Nami tokko Ba'aal-shaaliishii irraa, midhaan qara bilchaate irraa xaltaa daabboo garbu'uu diddamaa fi shawwee midhaanii qalqallu'utti Elsaa'iif fide. Elsaa'i tajaajilaa ifiitiin, «Kolbaan nyaattuutii kenniif» jedhe.