2 Kings 5:1 — Compare Translations

3 translations compared side by side

Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Namicha gudda askarti Shamu, ka Naamani jed'ani, toko jira, ka hayyuuni Shamu guddo d'ugeefate ulfeese, wonti akanatiifi AABBO Waaqi maro Naamanitifi askarti Shamu nyaapa dabsachiise. Inni nama jaba janna toko, ammo d'ukuba hama aka qomaat'a qaba.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Bulchaan loltoota Sooriya'aa Ni'iimaan Rabbi sababaa isaatiin worra Sooriya'aa waan mooyachiiseef inni gooftaa ufii biratti nama kabajjama'aa fi jaalatamaa ture; inni garuu nama dhibee gogaa kukkutuun qabameeru.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Na'amaan ajajaa loltoota mootii Sooriya'aa ti; Mootiin Waan Maraa karaa isaatiin loltoota Sooriya'aatiif injifachaa waan kenneef, inni goottaa ifii duratti nama gudda'aa fi nama ulfinna qabu. Inni loltuu jaba'a; ammoo dhukkuba goga'aa farrisiisaa qabaayyu.