2 Kings 5:14 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Duuba Naamanini galaana Yordani d'aqe akuma Elishani jed'eeni kaani maro torba diqate fayye. Nafi isa qulqullae, mid'aage, nafa daima tahe.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Kanaaf Innillee akkuma raattichi Rabbii isaan jedhetti laga Yoordaanosii keessa seenee hennaa torba keessa gad lixa'aa ol baya'aa dhiqannaan nafti isaa qulqullaayee akka nafa daa'immanii ta'e.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Maarre Na'amaan gara laga Yordaanosii gad bu'ee, akkuma nami Waaqaa isatti hime yennaa torba laga Yordaanosiititti ifi cuuphe; nafi isaalle adde'etti deebi'ee qulqullowee akka nafa ijoollee didiqqo'oo te'e.