2 Kings 5:15 — Compare Translations
3 translations compared side by side
Oromo Bible (KITAABA WAAQA) 2019
Inni jara isaa ch'ufa woliini gara Elisha deebie waan jed'eeni, Amma anini ya beekhe, aka Israeli keesa male Waaqi fulla d'ibi injirre; tanaafi amma, aabbo, waan anini sii d'ufeeni kana nara fud'ad'i.
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Achiin maayessa inni hojjattoota ufii woliin gara nama Rabbii dhufee isa afoo dhaabatee «Waaqa Israa'elii malee Waandhi biraa biyya maraa keessa akka hin jirre amma beekeera; kanaafuu ana garbicha kee irraa kennaa akka fudhattu si kadhadha» jedheen.
Oromo Gujiii (KITAABA WOYYICHA) - No Year
Achiin duuba Na'amaan hordofattoota ifii mara woliin, gara Elsaa'ii nama Waaqaa deebi'ee, isa dura dhaabbatee, «Israa'el keessa malee, Waaqi dhibiin biyya lafaa mara keessa akka hin jirre ani beekeera; maganne'e amma ana tajaajilaa keeti irraa kennansa kana fudhadhu» jedhe.